ICRC cyber security incident

Mudannoo nageenya saayibarii (kompitara) ICRC

 

Amajjii 18 bara 2022 Koreen Fannoo Diimaa idil-Addunyaa (ICRC), taatoon saayibarii hin beekamnee (namni Fannoo Diimaan ala ta’e) bakka kuusaa galmee Qunnamtii Maatii Deebisuu (RFL) seenudhaan haleellaa saayibarii gidugaleessa kompitaroota (servers) isaa irratti akka raawwatee hubatee jiraa.

Amajjii 20 2022tti mudannoon kun Fannoo Diimaa Awustiraaliyaaf beeksifame.

Fuula kana irratti odeeffannoo haaraa akkuma argame dhiyeessuu itti fufna.

Deggarsa dabalata yoo barbaaddan, ykn hiika afaanii yoo isiin barbaachisee, maaloo lakkofsaa kana irratti 24/7 nu quunnamaa 1800 860 442

Bilbiltoota idil-addunyaatif, maaloo nu qunnamaa +61 2 8077 2507

Waa’ee Mudannoo nageenya saayibarii ICRC

Maaltu ta'e?

ICRC'n gidugaleessa kompitaroota (servers) odeeffannoo dhuunfaa kan namoota 500,000 ol ta'an kan tajaajiloota Sochii ykn Dhaabbata Fannoo Diimaa fi Addeessaa Diimaa irraa argatan keessumessuu haleellaa nageenya saayibarii xaxamaa irratti akka gahee hubateera. Fannoo diimaa Awustiraaliyaan kuusa-galmee kana RFL keenyaafi sagantaalee hordoffii hiidhamu namootaaf fayyadama. Odeeffannoon Fannoo Diimaa Awustiraaliyaadhaan kuusa-galmee kana keessatti gale akka dhiibbaa irrattii gahe ykn tuqamee hanga ammaatti hin beeknu. Gareen Fannoo Diimaa fi Addeessaa Diimaa addunyaa maratti kuusa-galmee kana fayyadamu, haa ta’u malee odeeffannoon kuusa-galmee kana keessatti kuusame dhimma nuti irratti hojjenne biyya kamirraayyuu irraa dhufa.

Odeeffannoon ati Fannoo Diimaa Awustiraaliyaatif dhiyeessite kuusa-galmee keessa kaa'ame ta'u malaa. Kun odeeffannoon bakka tokkotti akka qabamu mirkaneessuuf adeemsa keessoo sadarkaa isaa eeggatedha, akkasumas yeroo nama ykn firaa bade barbaaduuf yaalu michuuwwan keenya biyyoota biroo jiraatan waliin wal qunnamuu ni dandeenya.

Odeeffannoon kun maqaa kee, quunnamtii bal'ina kee, odeeffannoo haala nama jaallattuu ykn fira dhabamee, akkasumas maqaa fi quunnamtii bal'ina firoota ati nutti himte, yookiin odeeffannoo haala hiidhamuu keetii fi yaada ati nu waliin kaaste dabalata. Waraqaa dhimma kee irratti yeroo wajjannuu kan nuuf dhiyaate hunda ni dabalata, kuuniis waraqaa eenyummaa, unkaa simmanna, waraqaa ragaa hiidhamtee akka tuurtee kan agarsisu ICRC irraa, ergaawwan Fannoo Diimaa miseensa maatii gidduuttii wal jijjiiran, fi suuraawwan dabalatu danda'a.

Odeeffannoon dhuunfaa kee akka haqamee ykn jijjamee kan calaqisisu agarsisaan takkallee akka hin jirre mirkaneeffanneerra. Dabalataaniis,  galmeen kun karaa sirrii hin taaneen fayyadamamuun yookin ummataaf ifa akka goodhame nuti ragaa tokkoyyuu adda hin baafanne. Kun akka sanaan ilaalamutti jira, yoo bakki ykn qubannoon kun jijjiirame immoo isin beeksifna.

Mudannoo uumameef deebii kennuuf maaltu hojjetame?

Akkuma ICRC'n waa'ee mudannoo isaa hubatee, gidugaleessa kompitaroota (servers) saaxilaman intarneetii irraa akka bahan godhe. Kana jechuun nuti yeroo ammaa kana dhimma kamiifuu odeeffannoo argachuu yookiin dhimma kamirrattiyyuu hojjechuu hin dandeenyu jechuudha.

ICRC'n yeroo ammaa furmaata yeroo gabaabaa adda baasuun garee Fannoo Diimaa fi Addeessaa Diimaa idil addunyaatti tajaajila namoomaa kennuu itti fufuudhan namoota mudannoo kanaan miidhamaniif furmaata akka kennan dandeessisuu irratti argama.

Addatti, Fannoo Diimaa Awustiraaliyaa akka nageenyii isaan eegamu mirkaneessuuf sirnootaa fi tajaajilawwan kan naannoo of danda’ee irra deebi'ee ilaalaa jira.

Waliin taanee, maamiltoota miidhaman deeggaruuf akkasumas sirnootaa cimsuu dabalataan mudannoon wal fakkaataan akka hin uumamne ittisuuf hojjechaa jirra.

Maaliif isin qunnamna jirra?

Tajaajiloota armaan gadii keessaa tokkoo ykn isaa ol waliin walqabatee isin waan hojjenneef isin qunnamaa jirra:

  • Miseensa maatii sababa lolaa, balaa yookiin godaansa tiin dhabanii barbaaduu.
  • Bakka wal qunnamtiin biraa hin jirretti firaaf ergaa dabarsuun.
  • Kan ati bira gahuu dadhabde nageenya fira biyya alaa jiru mirkaneessuu.
  • Waa’ee nama dhuunfaa galmee ykn sanadii gaafachuu.
  • Haalawwan mana hidhaa godaantoota hordoffuu.

Sababa mudannoo kanaatiin, odeeffannoon tokko tokko yeroo adeemsa kana keessatti isinin yookiin nama isin jaallattan ykn fira keessanin dhiyaate dhiibbaa irraatti gahu ykn tuqamu mala. Maaloo namoota jaallatamoo ykn firoota kee kamittiyyuu, namoota kanaan tuqamanii garu kan hin beekne ta’aniif hasoofsiisi.

Kuusa-galmee RFL maalidha?

Kuusa-galmee RFL Fannoo Diimaa Awustiraaliyaa fi Fannoo Diimaa fi Addeessaa Diimaa Hawaasaa Biyyoolessa addunyaa maraa kan fayyadaman:

  • Namoota badan barbaadu irratti gargaaruuf
  • Ergaawwan firoota keessan biyya biraa jiran waliin wal jijjiirtan dabalatee, odeeffannoo waa’ee RFL qoodu fi kuusu.
  • Dhimma namoomaa namoota mana hidhaa baqattummaa keessa jiran nu waliin kaasan galmeessu.
  • Wal qunnamtiin ykn haasawa namoota mana hidhaa godaansaa keessa jiran waliin godhame kuusu.
  • Odeeffannoo waa’ee namoota dabarsu (referrals) gargaarsa siif maatii keetiif nuti goone waliin walqabtee (kan si waliin mari’atame) galmeessu.

Kuusa-galmee RFL Ganeevaa kessatti kan keessummeffamu fi ICRC dhan kan to’atamudha.

ICRCn maaliif odeeffannoo dhuunfaa kee qabaata?

Qunnamtii Maatii deebisuu (Restoring Family Links (RFL)) tajaajila idil-addunyaa biyyoota addunyaa keessatti kan dhiiyyaatuudha. Hawaasaa Fannoo Diimaa fi Addeessaa Diimaa, Fannoo Diimaa Awustiraliyaa dabalatee, odeeffannoo waa’ee RFL kuusuuf sirna interneetii fayyadamu. Kana kan goonu odeeffannoon bakka tokkotti akka qabamu mirkaneessuuf, akkasumas yeroo nama ykn firaa bade barbaaduuf yaalu michuuwwan keenya biyyoota biroo jiraatan waliin wal qunnammuu ni dandeenya.

Nutis namoota hidhaa baqattummaa keessa jiran yoommu deeggaru sirna kana fayyadamna.

Odeeffannoon dhuunfaa kee isa kam miidhame?

Gidugaleessa kompitaroota (servers) ICRC Kuusa-galmee RFL keessummeessan fi sirnoota walitti dhfeenya qaban saaxlamaniru. Hatuxxoonni sirnicha keessa turan, akkasumas  odeeffannoo kooppii ykn garagalcha goodhuf fi alatti-erguuf dandeettii qabu. Odeeffannoon Fannoo Diimaa Awustiraaliyaadhaan kuusa-galmee RFL keessatti gale akka dhiibbaa irrattii gahe ykn tuqamee hanga ammaatti hin beeknu. Odeeffannoon dhiibbaa kan irratti gayee ta'u danda’u kan dabalu xalayaa waliif barreessan fi galmee waa’ee dhimma keetii, yoo dhimma keetiif barbaachisa ta’e qunnamti bal'ina namoota jaallatu ykn firoota kee dabalatee dha. Hanga beekumsa keenyaatti odeeffannoon yeroo ammaa kana hin maxxanfamnes hin gurguramnes, nuti immoo dhimma kana itti dhiyeenyaan hordofa jirra.

Of-eegguuf fi odeeffannoo dhuunfaa kee eeguuf tarkaanfiiwwan of-eeggannoo akkamii fudhachuu dandeessa?

Bakka qaamni sadaffaan odeeffannoo qunnamti keessan argu ykn laalu danda’utti, wantooni goochu qabdan:

  • Iggitaa (Password) jijjiiri – iggitaa intarneetti kee jijjiiri yoo kana hin goone ta’e. Yoo iggitoota account biroof imeelii dhaan ergitan, kanneenis jijjiirradhaa. Giddugalli nageenya Saayibarii Awustiraaliyaa raawwi iggitaa gaarii irratti qajeelfama kenna.
  • Of eegganno godhi – tesso weebsaayitiicha yoo shakkite, akka ati fuula sirri irra seente mirkanessuf dhiheessaa tajaajila kee quunnami. Seenu intarneetti (login details) kee hin dhiyeessin.
  • Eegumsa dabalata goodha - eenyumma kee mirkaneessuf akkawuntti intarneetti keetiif karaa adda adda qophessi bakka danda’ametti meshale (akka koompitaraa) akkawuntti intarneetti argachudhaf fayyadamtu irratti sooftiweerii farra vaayirasii haaraa naqadhu kee mirkaneessi.
  • Geessituu (Links) ilaali – weebsaayitii ragaa seenu intarneetti (login details) kee kan si gaafatu irratti yoommu taatu waan ‘Uniform Resource Locator’ ykn ‘URL’ jedhamu qalbeeffadhu. Kun bakka teesso lyyaafataa weebsaayitii (web browser) kee irratti argama akkasumas barreefama ‘https://’ waliin jalqabaa
  • Lakkoofsa Bilbila mobaayilaa gara dhiheessa bira dabarsu (Mobile phone porting) - bakka kun hin baramnetti ykn quunnamtii mobaayilaa kee akka dhaabatuu dhiheessa mobaayilaa kee bakka hin ajajnetti, lakkoofsii bilbila mobaayilaa kee neetworkii walin wal hin quunnamne yoo sin jadhan of egganno godhi. Bakka wanti kun itti ta’etti, dhiheessa bilbila mobaayilaa kee battalumatti waa'ee dhimmicha akka quunnamtu ykn itti himtuu yaadaa dhiheessina.
  • Qajeelcha Tu'ata Saamtu (Scamwatch) irra deebi’ii laali – qajeelcha Tu'ata Saamtu Komishiina Dorgommii fi Bitattoota Awustraaliyaa of eeguu irratti irra deebitee iaali hawwuu dandeessa.

Waa’ee eenyummaa kee eeguu irratti qajeelfama dabalataaf, fuula qajeelfama Awustraaliyaa giddugaleessa nageenya saaybarii daawwachuuf hawwuu dandeessa.

Mudannichi fi haala mamilttonni kenya itti midhaman guutummaatti hubachudhaf nuti ammalle adeemsa of eggannodhan deema jirra. Odeeffannoon barbaachisaa yoo argame, gorsa fooyya’aa dhiyeessuu dabalatee tarkaanfiiwwan of-eeggannoo irratti fudhachuu dandeessan isiniif dhiyeessuuf kutannee jirra.

Yoo dhiphinni si rakkise, gorsa fayyaa ogeessa fayyaa galmaa’e beektuufi amantu irraa akka barbaaddu dhaamna.

Deeggarsa dabalataa eessaa argachuu dandeessa?

Gaaffii yookiin yaada kana fi mudannoo kana irratti akka dhiyeessuu si gargaaruuf deeggarsi dabalataa sii fi namoota jaallattuf ni jira. Kun kan dabalu:

Fannoo Diimaa Awustiraaliyaa

Bilbila armaan olitti tarreeffame fayyadamuun toora bilbila keenya irratti bilbiluu dandeessa.

Waan haaraaf guyyoota dhufaniin maaloo fuula weebsaayitii kana ilaalaa.

IDCARE

Waa’ee odeeffannoo dhuunfaa keessanii karaa dogoggoraatiin fayyadamuu isaa kan isin yaaddessu yoo ta’e, deeggarsa bilisaa IDCARE, eenyumma biyyoleessa fi tajaajila deeggarsa hawaasaa saayibarii Awustiraaliyaa irraa qindeessinee jirra.

Dhimma nageenyaa bal’aa yoo qabaattan maaloo To'ata Dhiimma IDCARE karaa IDCARE’s Get Help Web Form irratti argadhu.

Yookiin immoo, odeeffannoo dabalataaf akkasumas qabeenya odeeffannoo dhuunfaa kee eeguuf giddugaleessa barnoota IDCARE’s daawwachuu dandeessa. Tajaajilli IDCARE kan argamu “Get Help” Web Form (unkaa intarneettii) yoommu guutu dabarsuu (referral) koodii RCA-ID22 dhiiheessudhaan yookiin lakkoofsa kanaan bilbiluuni: 1800 595 160

Ogeessa fayyaa kee

Yoo dhiphinni si rakkise, gorsa ogeessa fayyaa galmaa’e beektuufi amantu irraa akka barbaaddu dhaamna. Yeroo ogeessa fayyaa waliigalaa kee ilaaltu, isaan gargaarsa akkamii akka si barbaachisuu ni qooratuu.

Akkaataa dhaabbooleen kun isin fi namoota jaallattan deeggaruu danda’u irratti odeeffannoo dabalataaf maaloo imeelii keenyatti laalaa.

Charity donations of $2 or more to Australian Red Cross may be tax deductible in Australia. Site protected by Google Invisible reCAPTCHA. © Australian Red Cross 2024. ABN 50 169 561 394